DUBBIIWAN  IJOOF ERGAA SIYAASA DABARSAN (Oromoof)

1,Karaakeef garaakee waaqatti malee namatti hin agarsiisiin.
2,Halkan sana arguuf halkan kana obsaan dabarsuun furmaata.
3,Bakka bultii dhabdus alagaaf dukkanatti harka hin kenniin.
4,Kaanisni ilkee isheetiin nama Aarsiti damma isheetiinimoo nama araarsiti
5,Arrabni Lafee dhabdus lafee cabsuu hin dadhabdu, kanaaf ammakee beeki malee jalloota hin jibbiin.
6,Mataakeerra sammuukee Eegadhu, kanaaf oromoon bakka yaanni jiru miilli ganamfataa jedhaati.
7,Maallaqa hin Jaallatiin maallaqni rakkoorraa si’olcha malee du’arraa si hin olchuutii, kanaaf amantaa qabaadhu.
8,Akka itti namni sifaana jiraatu sirreessuuf hin dhiphatiin, Akka itti nama waliin jiraattu sirreeffadhu.
9,Alagaaf dukkanatti hin dallaniin duraanuu firooma hin qabdaniitii.
10,waaqakee Abdadhu Amantaa qabaadhu,*Oyiruu mana biraa xaafii hin cagadanii muddamni baayyateef namaaf hin sagadanii.
11,Iji fageessee ilaalu duumessa duubaa barruu dubbisa, kanaaf Jabaa ta’uu baattus jabaadhu.
12,Akka taatu ta’i malee Akka feetee hin ta’iin, Murtoo qabaadhu jechuufi.
13,Namni namaaf barbaachisaa miti utuu ta’eetii waaqayyo Hewaaniin hin Uumu tureeti, kanaaf dhala namaaf kabaja malu kennaafi.
14,Lukkuun iyyitus iyyuu dhiistus guyyaan hin dhiines halkan hin bariines hin jiruun, Kanaaf waaqa Uumaakees Ilma namaas hin gaddisiisiin.
15,Muudamaafis Muddamaafis Qormaataaf qophaa’i, ….hin baratiin dorgomuun, hin dorgomiin darbuun, hin qoramiin hojjechuun, hin hojjetiin Muudamuun, hojii hin jedhamuuti.
16,<Kan Ormaaf nulaatef kan Morma nuuf laate hundumaaf qabsoofna.> Jecha qondaala ABO Kolonel Gammachuu Ayyaanaati.
17,Jaartiin baatan gaayyaa baatti jedhani,Kanaaf kaabinoonni pp kuni hiraarsaaf tuffii ummata orommoo kana dhiisuu baannaan hireen keessanis kan TPLFn tokkuma.
18,Waan taatanirra waan ta’uf deemtanitti Fuulleffadhaa, Dhaamsa qondaala waraanaa akkasumas Ajajaa olaanaa ABO,WBO(dhaaba Adda bilisummaa oromoof waraana bilisummaa oromoo Jaal Marroo Dirribsaati.

oromiainsider