Mariin ajandaa adda baasuu Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurame
**
Guyyoottan torban darbaniif Magaalaa Finfinneetti marii ajandaa marii biyyaalessaa adda baasuu gaggeeffamaa ture xumuramuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.
Boqonnaa ajandaa walitti qabuu ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kan kennan Komishinarri Marii Biyyalessaa Pirofeesar Masfin Ar’ayaa waltajjichaan qaamoleen hawaasaa hundi, qaamoleen mootummaa sadan, akkasumas paartileen siyaasaa shantamaa ol ta’anii fi namoonni dhiibbaa uuman garee shanitti hiramuun ajandaalee addan baasuun Komishinichaaf kennuu Komishinarichi Ibsaniiru.
Waltajjicha irratti daangaa malee hunduu ajandaa isaanii kan ibsatan ta’uus ibsaniiru.
Boqonnaa ajandaa walitti qabuu yeroo itti aanutiinis Dirredawaa dabalatee sadarkaa Federaalaatti hanga naannoleetti kan adeemsifamu ta’uun himameera.
Heeraan Silashii
Leave a Reply
You must be logged in to post a comment.