Waraanni Shororkeessaa PP Kaaba Shaggar Aanaalee hedduu meeshaa gurguddaan rukutaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Onkoloolessa 25,2023 Sirni impaayericha utubee jiru abdii murannaa guddoo keessa seenuun ollaa uummataa meeshaa gurguddaan haleeluun lubbuu namootaa akka malee baasaafi qabeenya uummataa barbadeessaa jira.

Kaaba Shaggar aanaalee akka Yaayyaa Gullallee, Dagam, Kuyyuu, Ada’aa Bargaa, Meettaa Roobii, Meettaa Walqixxeefi Hidhaabuu Abootee keessatti meeshaalee Akka Moortara, BM, Madfii Taankiifi Zu 23 itti dhukaasuun lubbuu namootaa balleessaa akka jiru maddeen keenya ifoomsani.

Akka maddeen keenya jedhanitti dhukaasni kun dhaabbataadhaan dhuka’uu kan eegaluun torbee tokko kan caale yoo ta’u, uummatnii Kaaba Shaggar akka walii galaatti rakkoo hamaa fi rifaatuu keessa akka jirus dubbataniiru.

Uummanni nagaan heedduun ajjeefameera, kaanis madaa’eera. Qe’eefi qabeenya isaanii dhiisanii baqataa akka jiraniifi horiin qonnaan bultootaa heedduunis haleellaa kanaan gaaga’amaa akka jirus dabalanii heeraniiru.

Arsii Bahaa Aanaa Shirkaa keessatti hidhamtoota mana hidhaa keessaa miliqsuun bakka buutee dhabamsiisuun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 25,2023 Maqaa deggertoota WBO itti maxxansuun uummata jiruufi jireenya isaa gaggeeffatu qabanii yeroo dheeraaf murtii tokko malee erga hidhaniin booda, manneen hidhaa keessaa miliqsaa akka jiran odeessi nu dhaqqabaa jiru ni addeessa.

Haaluma kanaan Godina Arsii Bahaa Aanaa Shirkaa keessatti ilmaan Oromoo hirmaannaa Siyaasaa hoomaatuu hin qabne shakkiidhaan mana hidhaatti guuruun murtii tokko malee ji’oota heedduuf hidhanii rakkisaa erga turaniin booda Onkoloolessa 21,2023 mana hidhaa aanichaa keessaa baasuun bakki buusan hin beekamne jechuun maddeen keenya gabaasaniiru.

Ilmaan Oromoo mana hidhaa sana keessatti dararamaa turuun achi keessaa dhabamsiifaman baay’inaan 14 kan ta’an yoo ta’u, maqaan isaaniis; Muhaammad Bakaroo, Muhaammad Ahimad, Abbattii Qaasim, Ahmad Abduu, H/Fattash Aadam, Damee Aadam, Sa’iid Fatoo, Nuuree Fatoo, A/Jabbaar Gambuu, Yuunee Huseen, Jamaal Huseen, Kamaal Kurub, Kadiir Maammaa, She Jamaal Ahimad kan jedhaman ta’uun ifoomee jira.

Akka aanaa Shirkaatti adda durummaan kaabinoonni dhimma kana raawwachiisaa jiran Ahimad Jamaaloo I/G W/Qonnaa, Ahimad Sh/Umaar I/G W/ bulchiinsaa fi Nageenya, I/G /W/Paartii kan ta’e Muhaammad Hajjii fi Huseen Hajii Bulchaa Aanaa akka ta’aanis maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.