๐๐๐_๐๐๐, ๐๐๐๐๐๐ ๐๐ข ๐๐๐๐๐๐
๐๐ก๐ข๐ซ๐ ๐๐ข๐ข๐ง๐๐ ๐๐๐๐ฑ๐ข๐ฅ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐ก๐ฎ๐ ๐๐ ๐๐ข๐ซ๐ฎ ๐๐ฆ๐ฆ๐๐ญ๐ ๐๐๐๐ง๐ฒ๐ ๐๐ฎ๐๐๐๐ก๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ๐ง ๐๐ข๐ซ๐ช๐๐ฆ๐ ๐ค๐๐๐ง๐ฒ๐!
๐๐๐_๐๐๐๐ง ๐๐ค๐ค๐๐ฆ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐ข๐ฃ๐๐๐ซ๐๐ฆ๐?
๐๐๐ง๐ฒ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ข๐ฃ๐๐๐ซ๐๐ฆ๐? ๐๐๐๐ฅ๐ข๐ข๐ ๐๐ฃ๐๐๐ซ๐๐ฆ๐?
๐๐๐ฅ๐ข๐ข๐ ๐๐จ๐จ๐๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐ฆ๐ฆ๐๐ญ๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ๐ง ๐๐๐ก๐๐!
Ummannii Oromoo erga waanjoo kolonii Gabrumaa jalatti kufee qabee falmaa hadhaawaa gaggeessuudhaan diina isaa kopha kophattis ta’ee waloon qolataa mirga isaa kabachisiisaa eddana gaheera.
Keessahuu, Erga jaarmiyaa siyaasaa jalatti ijaaramuu jalqabee as irree tokkoon qajeelfama waloo fudhatee firaa fi diina isaa addaan baafachuun falmaa wal irraa hin cinne godhee qixa har’a irra jiru irra gaheera
Waan amma Oromoo keessatti summii facaasuun ABO_WBO, Shanee fi Seesee jedhaa jiran projectii diinaa isa guddaa dha. ABO_WBO, Seesee fi Shaneen project diinnii kudhaamuun Mooraa Oromoo ittiin diigaa turee fi jiruu dha.
Oromoo fi Oromiyaa keessa Jaarmiyaan Siyaasaa fi Waraanaa ABO_WBO, Seesee fi Shanee jedhamu hin turre, hin jiru.
๐๐๐๐๐๐:- Shaneen akkamitti Moggaafame?
Mooggasa maqaa ๐๐๐๐๐๐ jedhu kan baasee fi ittiin Ololuun ABO dadhabsiisuuf uume murna ABO Jijjiiramaa jechuun ABO irraa bara 2008 foxxoqee dha. ABO dadhabsiisuu mitii booda ofiifuu akka dhadhaa Ibidda Bu’ee baqee bade.
Hikini isaa sirriin ๐๐๐๐๐๐ jechuun akka Oromoon yaamutti maqaa bareedaa Shanan gadaa keessaa fudhatamee dha. Maqaa kan ABOn akkaataan itti fayyadamuu eegale, sirna bulchiinsa Gadaa keessatti Oromoon Booranaa qaama bulchiinsaa keessaa sadarkaa oliirra kan jiru “Gumii Gaayoo ” qaba.
Akkuma sana ABOn illee bu’uureffamuu isaa irraa kaasee qaama hoji raawwachiiftuu isaa Waajjira Siyaasaa fi Koree hoji raawwachiiftuu jedhaa ture, bara 1989 Kora Hatattamaa irratti Shanee Gumii ( executive Committee) jedhee moggaase.
Kora Sabaa 3ffaa Muddee 2004 ( Mulober, Eritrea) fi Kora Sabaa 4ffaa Hagayya 2017 (Afabet, Eritrea) raggaasifame (approved) tahe irrattis Shanee dhuma Gumiiti.
ABO๐๐๐๐๐๐:- ABOShaneen akkamitti moggaafame?
ABO๐๐๐๐๐๐ jedhee jalqaba akka ololatti kan dhimma bahuu jalqabee Qaama Ceehumsaa/ QC – ABO (OLF Transitional Authority) jedhee kan of moggaase Galaasaa Dilboo fa’a turan.
Murni Jijjiramaas gaafa 2008 ABO irraa fottoqee ABO arrabsuu fi xiqqeessuu murteeffatu afaanuma QC-ABO irraa fudhatee #ABO๐๐๐๐๐๐, warra hoganootattuu nu ari’e jechuu eegale, yeroo sanatti platform dhimma itti bahama ture Paltalk ture. Paltalk irratti ๐๐๐๐๐๐ Moggaasee darbe, waanuma yeroo sana mogga’etuu ammallee platform akka Facebook, Cloubhouse, Twitter fikkf irratti hojii arrabsoo tahee deemaa ture, jira. Jarri Biltsiginnaas kanuma fudhatanii #ONEG๐๐๐๐๐๐ jechuun W3O xureessaa jiru.
๐๐๐๐๐๐:- Seeseen akkamitti maggaafame?
๐๐๐๐๐๐hoo? ๐๐๐๐๐๐ jechuun inni duraa gosa sanyii Nilotic ta’e isa afaanii fi aadaa mataa isaa qabu akka saba bicuutti dominate ta’ee daangaa Suudaanii fi Oromiyaa jiraatuu dha.
๐๐๐๐๐๐n gara biraa ni maqeeffame malee bu’uurri jechaa #Seesuu dha. #Seesuu jechuun dheessuu, sodaachuu, onnachuu dadhabuun diina baqachuu jechuu dha. Ammatti moggaasa maqaa kanaa kan moggaase warra Project Abiyi fi Jawaar fudhatanii sobamuun ๐๐๐_๐๐๐ ijaaranii dha. Ergaan ๐๐๐๐๐๐ akka isaan jedhanitti ABO Gullallee sodaattuu fakkeessuun murna dhaabicha hoogganuu fi dhaabicha jalatti haagganamaa hojii qabsoo guyya guyyaa hojjatan ittiin abaaranii Onnee ummataa keessaa dhabamsiisuu dha. Hojiin isaanii kun hojii diinaa tahuu waan hubatan hin fakkatu.
Oromoon duris, isa dammaqe malee inni hin Dammaqin maqaa fokkisaa Qeessi Abbaa Bahiree fa’ a itti moggaasanii darban “๐๐ซ๐๐๐ญ ๐๐ง๐ข๐ฆ๐๐ฅ๐ฌ ๐ฅ๐ข๐ฏ๐ข๐ง๐ ๐ข๐ง ๐๐๐ซ๐ข๐๐” /๐๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ isa jedhu fudhateeti, akkuma diinni itti waametti wal waamaa ture. Ammas kan, ABO_WBO, Shanee fi Seesees kanaan addummaa hin qabu.