Sirni Gadaa sirna ittiin bulmaata Uumata Oromooti,Akkasumas hundee dimokiraasii har’aati.
Gadaan jaarmiyaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo ta’u, sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha. Gadaan sirna ittiin siyaasni, dinagdeenii fi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni seenaa fi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru. Keessumattu sirni kun uummata Oromoo Gujii fi Booranaa biratti hanga ammaatti osoo hin jeeqamin jeebantummaa isaa eegatee hanga har’aatti ittin bulaa jira.
Sadarkaa Gadaa
Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du’utti hawaasa keessatti bakkaafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.
Dabballooma (waggaa 0-8)
Gaammoma (waggaa 9- 16)
Dargaggooma (waggaa 17- 24)
Qondaala/Kuusaa Waggaa(25-32)
Raaboma (waggaa 33 – 40)
Gadooma (waggaa 41- 48)
Yubooma (waggaa 49- 56)
Dabballee (Ganna 0-8)
Dabballeen sadarkaa daa’immaaniiti, da’imman sadarkaa umurii 0-8 gidduutti argaman Dabballee jedhamu. Riifeensi mataa mucaa sadarkaa Dabballee hin haadamu, guduruu guddifata. Akkasumas Dabballeen maqaa kan argatu yeroo sadarkaa kana hulluuqudha, amma sanatti maqaa manaatiin waamama. Maqaan manaa mararteefi jaalala maatiin qabu kan mul’isuufi jechuma hiika hin qabnellee ta’uu danda’a FKN : Qurii, Jaldeessaafaa jedhanii waamuu. Warri isaanii horii aannanii kan hin qabne yoo ta’an gosatu obaasa. dabballeen seedaafi seera mataa isaanii kana qaban yoo ta’u, kana Dabballee ta’uu danda’an ijoollee ykn daa’immaan dhiiraa qofaadha. Gadaa Oromoo kan kutaa Oromiyaa eddoo adda addaa gidduutti garaa garaummaan xiqqoon kan m ul’atu yoo ta’u kan dabballeen umurii adda hin foo’u jedhanis ni jiru. garuu seedaa jecha yoo yaaman akka dhiiraaatti adoo hin taane, akka dubraatti “Intala” jedhanii yaaman. akka ijoollee kaaniittis yoo isaan jallatan (balleessan) hin dhaanan.Bakka tokko tokkotti maqaa soolee fi itti makoo jedhamu.
Gogeessa Gadaa
Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta’u isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareewwan kun ganna sadeet sadeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamuu.
Boorana Macca-Tuulama Arsii Gujii Ituu-Humbannaa
Adii Doyyoo/ Harmufaa Birmajii Birmajii Harmufa Horata
Gobbaa Bulee/ Roobalee Michilee / Muudana Roobalee Roobalee Dibbaaqa
Mandhaa Galmaa/ Birmajii Duuloo / Halchiisa Bahara Muudana Dibbeessa
Areroo Gedoo/ Muldhata Meelbaa / Hambissaa Horata Halchiisa Fadata
Agaa Adii/ Duuloo Roobalee Bultuma Dhalana Daraara
Ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti haammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra jirutini, kunis gogeessa abbaa isaa keessati jechuudha.
Duula Bilisummaa Sirna Gadaa Jalatti.
isaa seenuu danda’u hundaa qabate. Amaarris gaaratti, hallayyaatti, holqatti galtee dhokatte. “Utuu gaarrii, hallayyaa fi holqi hin jiru ta’ee namni hafu hin jiru jedhe” barreessaan habashootaa Alaqaa Atsimeen.
Bara Gadaa Muul’ataa (Bara 1587-1594)
Gadaan kun Muul’ataa Baarentuu fi Muul’ataa Booranaa ti. Bara Gadaa Muul’ataa kana Walloo hedduu hinduulle. Yeroo lama qofaa Gondoritti duulee deebi’ee qubate jedhama. Muul’ataa Maccaa fi Tuulamaa garuu duulasaa itti fufee. Bifa lolaa geeddaree Amaara karaa irratti gaadee ajjeesuu jalqabe. Gaara gidduu fi saqa dhiphoo ta’an gidduutti eegee ajjeesaa, murataa ture. Bakka farda isaaf mijaa’u mara Goojjaami fi Gondor keessa gulufee, qabatee, basha’ee achi taa’e.
Barreesan yeroo sanaa Abbaa Baahire akka jedhetti, biyyi Gadaa Booranaa jalatti bule, kan hafe tokkollee hin jiru jedhe. Muul’anni baalii Gadaa Duulootti dabarsee kenne. Haala kanaan Abbootin Gadaa injiffannoo erga argatanii booda sabni Oromoo hanga sirni Nafxanyaa jaarraa 19ffaa keessa ka’uutti jaarraa lamaa ol tasgabbaa’ee Gadaa isaa kabajataa nagaadhan jiraataa ture.
Sirni Nafxanyaa kan jalqabe, Amaari Oromoo waraanuu dadhabnaan araarfachuu calqabe. Walitti makamuu (wal fuudhudhaan) uummameen kan ka’e Oromoonni Gondarii fi Goojjam keessa jiraatanu Afaani fi Amantaa ofii irraanfachuudhaan kan Amaaraa fudhatan jedhama.