SIRNI GADAA ARGANNOO SIRNA BULCHIINSA UMATA OROMOO.

  • Ummanni Oromoo sirna gadaatiin wal bulchuu kan eegale Dh.K.D bara 300. Sirnicha haala siyaas-dinagdee, hawaasummaa fi amantaa of keessatti kan hammatudha.
  • Gadaan Oromoo shan.Gadaan tokko aangoo qabatee waggaa 8tiif erga bulchee booda haal duree tokko malee aangoo Gadaa birootiif dabarsa.halduree tokko malee jechuun mormiif jaalala Aangoof qabu utuu hin mararsiifatiin fedha isaatiin Aangoo isaa nama kanbiraatiif Gadaa kanbiraati dabarsee kenna jechuudha. Kun Agarsiiftuu sirna dimokiraasii anga’oota Afrikaa hardhaa hedduuf fakkeenya guddaa ta’uu qabudha. Mandeellaa malee Hooggantoota Afrikaa keessaa Aangootti dhufee wagga 5 qofaaf bulchee aangoo dabarsee kan kenne hin jiruun Maandellaan garuu maalummaa Dimokiraasii bulchiinsa sirna gadaa keessa jiru General Taadasaa birruu irraa waan barateef Aangoo irra waggaa 5n qofaa bulchee Nama biraaf Dabarsee kennuun isaa Geggeessitoota siyaasaa Africaf fakkeenya guddaa ta’uu danda’eera.
  • Yeroo sirni gadaa hojiirra oolu sanitti Afrikaa mitii biyyoonni hardha dimokraatawaadha jedhaman hundi isaanii yaad rimee dimokraasii hin beekan jechuun ni danda’ama,
  • Kanaaf sirni Gadaa ARGANNOO GUDDAA sirna bulchiinsa dimokiraasii ummanni Oromoo addunyaaf kenne jechuun ni danda’ama.